Sagantaa isa har'aa keessatti, ROP waa'ee Waltajii Marii ilaalchisee gaaffiifi deebii Obbo Lubee Birruu Wajjin ta'e isiniif dhiyeessa. Obbo Lubee Birruu, bara 1965 irraa eegalee mooraa Qabsoo Oromoo keessaa hirmaata kan tureefi dhiyootti buu'uuressitoota ABO heedduu wajjin kan hojjetaa ture. Obbo Lubeen yeroo Mootummaa Ceehumisaa Itoophiiyaa (MCI) akka Ambaasaddara ABOtti Itoophiyaarraa Ivory Coast itti ergamee ture. ABOn mootummaa cehumsaa keessa wayita hari'ametti, Obbo Lubeen taayitaa ambasaddarummaa isaa fedhiin dhiisee Ameerikaa dhufe. Waa'ee seenaa kaayyoofi sagantaa siyaasaa ABOs bal'inaan beeku, Obbo Lubeen. Qabsaa'aa buu'uureessaa ABO Baaroo Tumsaafaa wajjinis hojjechuu isaa nidubbata.
Hoggantoota Waltajjii Mariirra Obbo Lubee dubbisuun kan barbaachiseef akkamitti namoonni alarraa garee Waltajjii Marii itti laalan hubachiisufi. Yeroo garagaraatti, Obbo Leencoo Lataa dabalatee koreen qindeessituu Waltajjii Marii Sabaahimaa adda addarratti gaaffiif deebii kennaa turan. Gama isaanirra odeffannoo darbu kana madaaluuf, namoonni alarraa akka isaan itti laalu dhiyeessuun murteessaadha. Akkum Leencoo Lataa yeroo duraatiif Amaariffa dubbachuu filatee gaaffiifi deebii Adoolessa 28 VOA sagantaa Afaan Amaararatti kennerraa hubannutti, Waltajjiin Marii ammatti kaayyoo ifa ta'e hinqabu. Gareen kun maal akka barbaadus hinbeekamu. Dalagaan isaanii amma ammatti icciitiin guutamaadha. Gareen kun Caamsaa 21 haga Adoolessa 2012tti walgaa'ilee uummata lama geeggeeffate jira, akka ibsa Waltajjichaarraa hubatamutti. Waltajjichi, "qabsoo uummata Oromoo hundeedhaan haaromisuurratti," akka hojjechaa jiru labsa, haaromisi kuni garuu maal akka ta'e ifa miti.
Sababiiwwan haaromisi barbaachiseefis, haalli biyya keenyaa, haalli Gaanfa Aafrikaafi haalli addunyaa waan jijjiirameef jedhu namoonni akka Obbo Leencoo Lataa. Gaaffiif deebiin kun dhuguma jijjiiramuun addunyaa walabummaa, bilisummaafi hiree-murteeffannaa Oromoo nidhoowwa moo, nideggara moo, dhibbaa hinqabu yaadota jedhanirratti Obbo Lubee siniif dhiyeessina. Irra caalattuu immoo, Waltajjiin kun aariidhaafi haalooba'uuf ijaarrame moo, dhuguma Mooraa Qabsoo Oromoo jabeessuufi? Kkf irratti hayyuu Oromoo Obbo Lubee Birruu dubbisinee jirra. ABOwwan gargara walitti fiduurratti Waltajjiin kun akka qaama bilisaa sadaffaatti laallamuu danda'a moo, ifiifuu qaama rakkichaati? Addunyaan waggaa 21dura jijjiiramuu jalqabidee? Sagantaa fuuldura keessatti baakka-bu'oota Waltajjii Mariis yoo arrganne hasofisiisnee isiniif dhyeessuu yaalla.

-----------------
ROPfi OPn Sabaahimaa Walabaati.