Quantcast
Channel: Oromo Press
Viewing all articles
Browse latest Browse all 129

XEFENFERUU

$
0
0

                      
                     

Saxil Norway irraa.

Bara humni jiru yoggaa dargaggummaa
Arihanii qabuun
Figanii qaqqabuun
Ajjeesanii dooruun
Addaanyii filachuun
Addaanuu dibachuun
Booka Lulluqqachuun
Cooma jajihachuun.
Namarraa midhaga yowwaa humni jiru
Iddoo humni dhumee maalsaa xifirferu
Marii manguddummaan maal fiduuf xibaaru
Yeroo humni dhumu
Yogguu galgalawu
Afuurri dulluma yeroo dide hadhaawu
Kunis baasa tokko, seenadhaaf maal kaahu.
Manguddoon yeroo raagu, akka adaa orootti sawwani dachaasa
Lammii wal-mufate walitti araarsa
Yoggu lolli hammatu, waraana eebbisa
“Lolaa mirgaan gala
Irree diinaa cabsaa
Seenaa gadaa darbee bakkatti deebisaa!”
Jedhee eebbisa malee yubni hin gadoomu
Ni gorsa malee waraana hin abboomu
Kan baranaa raja maal rakkate yubni? Gorsaa tahuu dhiisee yogguu dabsaa tahu!!
Gaafa inni hogganu taa’e Sudaan keessa
Qabsootu finiine kijiba odeessa.
Yoree angoon isaa badiin mulqamu
Qabsootu hin sosone tasa hin abdatamu
Gafa Xiyyaran Kanaadaa qubatu
Waraanni kumatama rasaasaan dhumatu
Passportin matiidhaaf yerootii rabsamu
Waraanni dirreedhaa yogguu beelaan waxalamu
Hogganni meqatamni yeroo ofiin of fixu
Isaan warri marii masaraa Miniliki shaampaanyiin of dhiqu
Tikkeeta xiyyaaraa dhaqaa gala kutu
Yerootii qabeenyaa shittooni dhiqatu
WBOn dirree hundaa yogguu lolaa jiru
Isaan miliyoonaan qarshii waliif hiru.
Dimaan maadhee ijaara Nayiroobii keessaa
Kaan Kanadaarraa Impaayera faarsa.
Hayyuu ganfa Afrikaa Impayera ijaaru
Waaan seenarra hin jirre kijiba xibaaru.
Yohaannis gabaabaa jaarsaa dardaroome dulluma keessa
Ijaarsa lakkisee guyyuu diiggaa odeessa.
Gaafa lola beegii eenyu ka lolchiisu
Yogguu urgaan baarudaa si  ho hollachisu.
Osoo lola dheeftu ka Roobiin si nyaate
Qeerroon si gombistee
Kara lama albaate.
Haamleekee kamiini kan hoggana qeeqxu
Akka re’etti gannaa badhee nyaattee qeentu.
Goota hafaa summii abiddaan qorame
Cichaa kaayyoo danfaan waxalame.
Niyaadatta laata gaafa lola Toobisii
Dushqaa jala ciftee ya rabbi na eegii.
Qeerroo kudha lama hableen qalamte
Eenyu si baraarraan deebitee of barte.
Eenyu ka dhukaase dhukaasa jalqabaa dirree dhiyaarratti
Silaati garaankee wareegama Baaroo fi ka Badhoohuu ni bahatti
Eeeyyee himi malee Garaan gumbii miti
Dilbi itii hin kuusani dhugaa jiru golguun haadhoo wal hin ficcisisani
Lammis walitti hin kaasani.
Yoom dhugaa dubbatta yeroon kees geesse
Silaatu cobakeef cubbuu guddaa keesse.
Dhiifaman gaafadha haadhoo jal Nagaasaa
Gantuu waliin dhaabbattee maqaakee facaasa
Hin gorsine laataa Garbichoo nu hin baasu wayeen Impayera
Isheetu gubate ekeraadha soora.
Qaroo haadhoo gootaa shamarree sabboontu
Duutee baddi malee Kuween goobuu hin soortu.
Oh! “ Ya goobu! Ya goobu yagoobanaa
Ya gadhee gadii namaa.
Gaangeen kee tabba hin bahiin nyaatiin kee waggaa hin gahiin
Kan facaafatte hin margiin
Ijikee aaga hin argiin.
Gufuu balbalaa tahi re’een sitti haarigattu
Xuwwee galgalaa tahi gadheen sitti ha dhiqattu
Gobanni inni Daacee yeroo kaadhimamu Oromoon hin teeny hin callisne himu.
Yaa orobo battee yaa oroboo batte
Yaa oromoo ni bade yaa oromoo ni badde
Hora finfinnee buune sawwan obaasuun hafe
Hurufa Boombiiratti jabbilee yaasuun hafe
Bosona Gafarssaarras Qoraan cabsuun ni hafe.
Erga jarri dhufani sawwan keenyas ni dhumani! ”
Bara qaroominni jabanaa hin jirre
Oromoon Gadaadhaan ilma isa bu’ure.
Nuti oromoo boonaa warra abbaa gadaati
Gadheetu nu cabse nu marsite hallatti.
Bara nuti tifkatte annan sawwaa dhugnu
Isaan nu cabsuudhaaf bar gama quunnamu.
Habashaan gootummaan( jagnummaan) nu hin caalle
Gorsaa warra adii ka tooftaan nu caale
Isaan meeshaa ammayyaa nuti bakaraan lolla
Dhiigni gootowwani lola’e akka lolaa
Xiyyaarri samiirraa boombi nutty roobsa
Tokko hin sodaanne yoom jalaa sokoksa.
Goobuu lammikeessaa garaaf nu gurguru
Qaama ofii ganuun halagaaf kurkuru
Biddeenni oromoo furdaan osoo jiruu
Maa kajeellaa dhaqxe ganda Waldegabruu
Jedhe ilmi Dandaanaa yeroo warri marii Mallasaaf kurkuru
Kan wallisaan dhaame hayyuun Gaanfa Afrikaa ka biyya gurguru
Waaye’e goobanoota yoggutin katabu
Otoo na waxalu guggube na waadu
Jooteen Daarbush qalee yeroo irraa dhaddatu
Gidaadan Lammataa  yogguu achii dhalatu
Ni barree jedhu Doktoraan/Injineeraan dhaaddatu
Kabajaa jibbanii dantaaf gangalatu
Dachii Abdiisaa Aagaa, Oliliikaa Dingilu
Warra adiijajiyee Allaattiif foon hiru
Gidaada quxusuun maal isaa xefenferu!!

Galatoomaa!
Saxil Norway irraa.









Viewing all articles
Browse latest Browse all 129