Waloo Naazir Oromoo tiin
Walaloon tun baroota kudhan afran darbanii oliif warra bifa isaanii akka gaarrarraatti ( takka Mi'eessoonitti, takka Icaat, takkaa Wayyaneetti, takkaa Jijjiiramatti, takkaa Waltajjii Mariitti, takkaa ADOtti) gegeeddaratanii qabsoo keessa taa'uun kolaasafi baleessa kan as gahan irratti xiyyeeffatti. Eenyummaa dhugaa hoggantoota Adda Dimokiraatawaa Oromoo (ADO)fi akeeka isaanii irratti yaada gadifageenyaa dhiyeessiti. Dhaggeeffattootafi dubbistoota, walaloo sabboonaan kun barreesserraa waan heedduu barattanii namoota birootifis qooddu/hirtu jennee yaanna.
ADOn lammummaa Itoophiyaa Oromoorratti fedhii Oromoo malee fee'uudhaaf qophii cimaarra jira. Mirga nam-tokkeefi mirga lamummaa qofa argamsiisuuf karoora jedhu jalatti eenyumma Oromoo fi biyya isaa Oromiyaa guutumatti akka kanaan dura baramee hinbeekinetti diiguufi kaartaa lafaarraa haquuf qophaa'aa jiru.
ADOn eenyummaa Oromoofi Oromiyaa lammmata gurguree balleessa caalatti saba keenya osoo hingeessin, dhaaba kanaafi karoora/sagantaa isaa kolaasuun/fashaleessuun dirqama dargaggoota Oromiyaafi guutuu addunyaati.