Quantcast
Channel: Oromo Press
Viewing all articles
Browse latest Browse all 129

'Hinaraaraminu Yoo Harree Taane Malee': Doowwii Haasaa Adddaa Hololoota Araaraa Afarfamaa Jiranirratti Ummata Hubachiisuuf

$
0
0




Ibisa:
Raadiyoon Oromo Press (ROP), doowwii haasaa addaa isiniif qabaattee dhiyattee jirti. Doowwiin haasaa kuni yeroo ammaatti araara Pirofeessar Efireem Isaaqiin geggeeffamuuf jira jedhamee daayaasporaa Kaaba Ameerikaa keessatti hololamaa jirurratti xiinxala gadifagoofi walabaa dhiyeessa. Araarri (mediation) fi Dantaaf-dubbatachuun (negotiation)  Sochiiwwan Biyyoollessa Oromoofi motummaa abbaa-irree Itoophiyaa jidduutti ammatti maaliif barbaachise? Haala umni mormitootafi wayyaanee walhinginne keessatti, araarri barbaachisayyuu? Mallas dhibamee yalamaa (ykn du'ee) haala jiru keessattiifi sirni isaa sochii Musilimotaafi fincila gootowwan Qeerroo Oromiyaatiin raafamaa yeroo jiru keessatti araaraf yeroon kun maaliif filatame yeroo kanirra? Waayyanee wajjin araaramuun mooraa qabsoo bilisummaa nijabeessa moo nilaaffisa? Aadaan Oromoo warra-harkaa  wajjin araaramurratti maal jedha? Hololli araaraa uummata  afanfaajjessuu, ratessuufi qooqqoodurratti  gaheelee maalfaa qaba? Muuxannoo Aafrikaa Kibbaarraa mootummaa abbaa irree umna bicuu wajjin dubbachuurraatti maal barachuu dandeenya? Dowwiin haasaa kun gaaffiiwwan kanneen irratti xiinxalaafi ilaalcha dhiyeessa. 


Hubachiisa: Kayyoon ROP dhugaarratti hundaa'uudhaan uummata Oromoo hubachiisuudhaaf barsiisuudha. ROPfi OPn sabaahimaalee walaabaati.  Kaayyoon keenyas uummanni odeffannoo sirrii argatee murtee isaa akka fudhatu yaadota garagaraa dhiyeesuudha.  OP dhaaba siyaasa kam wajjinu hidhata hinqabu. Odeeffannoon asirratti dhiyaatus ilaalcha abbaa dhiyeessuti, malee ejjennoo ROP hincalaqqisiisu. Dubbii ho'aafi saba keenyaaf barbaachisa kanatti sonaa'aa itti dhiyaadha! Akka madda odeffanoo keessaniitti ROP filachuu keessaniif galatooma!! 

Viewing all articles
Browse latest Browse all 129