Waldaan Hawaasa Oromoo kan Minisoota magalaalee lakkuu Miniyaapolisfi Seeyint Pool keessatti gaafa Adoolessa 4, Oromoota 35,000 keessa kuma 5000 ol bashannana (piikinikii) qindeessuun walitti fide. Barreessaan waldichaa akka tilmaamee nutti himetti gaafa Guyyaa Bilisummaa Ameerikaa Oromoota 10,000tu iddoo tokkotti Oromummaadhaan walitti dhufe. Sababiin walittidhufeenya guyyaa Bilisummaa Ameerikaa kabajuu haata'uuyyu malee Oromoonni walitti dhufani hariiroo hawaasummaa isaanii cimsachuuf walittiba'ani.
Gaafa guyyaa Adoolessa 4, iddoo bashannanaa Riivar Saayid Paark, kan Magaalaa Miniyaapolisitti, shamiza isaa jiqileetti sassaabbatee/maree, harka isaa xureessuun osoo hinboonin ummata isaanii namoota tajaajilaa turan keessaa Barreessaa Waldaa Hawaasa Oromoo tasuma arginee isiniif dubbisinee jirra. Maqaan isaa Abidoo Korosooti, miseensa Boordii Hoji Raawwachiistuu Hawaasa Oromoo Minisootaafi Barreessa waldichaati.
Abdoon akka tilmaamee nutti himetti gaafa Guyyaa Bilisummaa Ameerikaa Oromoota 10,000tu iddoo tokkotti walitti dhufuun waliin bashannane- nyaatee dhugee, taphate. Kuni lakkoofisa guddaadha. Milkii akkasii akkamitti argamsiisuu akka waldichi danda'eerratti gaaffiif deebi kana goonee jirra. Hawaasa Oromoo wantoota xixinnoo adda addaarratti daayasporaa keessatti walqooda as gahe moo'uudhaan, siyaasaan, amantiin, kutaan, salaan, sadarkaa diinagideen osoo walhinqoodiin Oromoonni walitti dhufanii jiru.
Hawaasa qindeessuun waan salphaa miti. Gaaffiif deebiin kun barbachisummaa hawaasa ijaaruurratti hubannoo siniif laata jennee amanna.
Tajaajiloota waldaan hawaasa Oromoo Minisoota hawaasaaf laatu keessaa hangi tokko: Dhibeewwan daddarboo akka HIV/AIDs irratti ummata barsiisuu, tajaajila hawaasaa kenuu, hojii barbaaduun miseensota hawasichaa gargaaruu, dargaggootafi maanguddoota gargaarufi akasumas aadaa Oromoo babal'isuudha. Jaarmiyaa hawaasaa kana keessatti miseensa ta'uu yoo feete, ykn horiin gargaaruu yoo barbaadde, marsaa isaanii kana dhaqii laali. http://www.oromocommunitymn.org/Board...