Obbo Mardaasaa Aaddisuu baqattoota Oromoo biyyoota Kaaba Aafrikaa,Gaanfa Aafrikaafi Arabaa keessatti gargaaruudhaan muuxannoo waggoota baayyee nama qabu. Muuxanoo hojii namoomaa (humanitarian) isaarraa nuuf hira.
Dowwii kana keechatti, Obbo Mardaasaa Aaddisuu waliin rakkooleen baqattoota Oromoorra biyyoota Kaabaafi Gaanfa Aafrikaatti gahaa ture/jiru maal akka fakkaatan gadifageenyaan laalla. Keechumattuu,yeroo dhiyoo keecha Liibiyaafi Tuuniziyaa irraa baqattoota Oromoo haga tokko biyya sadaffaa keessa qubachiisuurratti milikii ykn bu'aa argame nuuf ibsa, Obbo Mardaasaan. Akkuma beekkamu, oggaa sadi duraa eegalee sochiin farra-mootummoota abbaalee-irree Tuuniiziyaa,Liibiyaafi Masirii keessatti ta'uun isaa niyaadatama. Sochiileefi wal-waraansonni sunneen ummatootuma biyyoota kanneenituu daran miidhani.
Baqattoonni Oromoos miidhaa sanarraa hinhafine. Dhimmoota isaan hinilaalle keeyisatti miidhamani. Baqattoonni Oromoo mormitoota, mootumoota akkasumas saboota biyyoota Kaaba Aafrikaatiin aleellaan gurgurddoon irra gahaa ture/jira. Baqattoonni Oromoo Oromummaa isaanitiin, biyya Tophiyaatii dhufan jedhamuudhaafi, gurraachumaa isaanitiin soqamanii rukutamaa as gahani.
Baqattoota 150 ol ta'an naachota galaanaan nyaatamuufi ibidda waraanaa biyya ambaa heedduu jala taranii biyyoota Ameerikaa, Awustraaliyaafi iddoo biroo qubsiifamaa jiru. Kan dhumaniin walbira qabineee yoo laalle, baqattoonni Oromoo 150 olitti tilmaamaman qubisiifamuun bicuudha. Warra dhuman lakkoofsa sirrii isaanituu beekuuf hindanda'amu.
Biyyarraa godaanuuf dirqamuufi balaa gurguddoof saaxilamuu baqattoota Oromootiif furmaanni isaa maali? Baqattummaa akkamitti hir'isna? Baqattoota akkamitti gargaarra? Baqattummaa dhaabunuu danda'amaa? Gaaffii deebii kana guututti akka dhaggeeffattan waan barbaannuuf ibsa dheeraa kennuurraa of qusanna. Ofumaa dhageeffadha, hubadhaafi hiikkadhaa. Xumurarratti, sirba Abdishuu Ammaa "Oromiyaa dhiisee..." jedhu isin afeerra. Tottolfadhaa haga xumuraatti nu waliin turaa jenna. Qabiyyee sagantaa kanaa oo jalatte, nama biraaf sabaahimaa hawaasaa keerratti dabarsi.