Quantcast
Viewing all articles
Browse latest Browse all 129

Aleellaa WMOn Mirga Dubbachuu Dubartoota Oromoorratti Bane



Guraandhala 3, 2013, Galma walga'ii  Awustraaliyaa dhiyeenya magaalaa Miilboornitti godhame keessatti, waardiyyoonni Waltajiin Marii Oromoo (WMO/ODF) galma eegaa turan kan afur ta'an dubartii Oromoo tokkittii, Minishaa Girmaa jedhamtu kan gaaffii gaafachuuf yaalaa turte, callisiisuudhaan galma keessaa dhiibanii baasuuf yaalanii ture. Minishaa Girmaa dorsisaafi aleellaa jara WMOtiin irratti banameef osoo hinjilbbiinfatin galma keessatti viidiyoo waraabuu ishee itti fufuudhaan keessi WMO maal akka fakkaatu golgoleessitee ummata achi hinturreef saaxiltee jirti. Mormii Lencootaa lamaaniif  qabidu akkasitti ibsite Minishaa Girmaa : "...ani akka isaa Booleedhaan nama ba'ee miti! Ani [QBOtti] maatii dhabeetan itti ba'e [biyyaa ba'e]!" 





Galata viidiyoo: Minishaa Girmaatiif

Durumaanuu dhabini akka fedhii Itoophiyanummaa tarkaanfachiisaa jirutti ummata Oromoo heedduu biratti laallamaa jiru kuni, amala surrii keessa riphee ture haaraas agarsiisee jira. Amallii inni haaraan kuni kan baayyee nama naasisuufi tarsimoon WMOn mirga shamarraniifi dubartootarratti hordofu dubartootarratti waraana banuu akka ta'e calaqqise.  Gochi dhiibbaa WMO dubartittii Oromoo Minishaarratti godhame "eenyummaan warra dhaaba kanaa hogganuu eenyu?" gaaffii jedhuuf, sammuu ummataa keessatti  fedhii baruu qabsiisee jira. Namoonni tokko tokko hoggantoonni olaanoon WMO " isaan warra dubartoota Oromoo jibban sani!" jechuun sabaahimaalee hawaasaarratti yaada garagaraa laachaa jiru. Dhaabichi ejjennoo farra-dubartootaa qabatee as bahuun isaa gocha Minishaa Girmaa dhiibuufi callisiisuu sanarraafi deeggartoonni dhaabicha kan yaadota jibbaa dubartii (misogynistic comments)  marsaaleerratti kennanirraa hubachuun nidanda'ama.


Hoggantoonnifi miseensonni WMO  tokko tokko dhiitaa mirga dubbachuu dubartittiirratti godhameen mormuurraiyyuu, dubartittii arabsuu, maqaa-xureessuufi balaaleffachuurratti xiyyeeffatani. Fakkeenyota kanneen haa laallu:


 saani jedhe: yaa Biyya Faranjii hundaa wal qixxeesse,intaloo karaa irra bulaa turtetu dhufee akkas namatti haasawaa,Safuu dhabuu nama salphisatti ufii uf salphifte,Ergaa Tigree ti moo ergaa Shanee dulloomteeti,dhaamssa eenyu akka isiin bakka buutee geggeessu jirtu namaaf hin galu,namni mana haadhaa abbaatti guddate akka kanaa miti,ollama gaariillee qabdi hin fakkaattu intaloon,kun waan teedaati.

Faajjii jedhe: This lady must know how to talk and ask queation [sic] ,she [sic] so ingnorant [sic] bad manarisim [sic] . [Dubartiin kuni akka itti dubbattuufi gaaffii gaafattu dirqama baruu qabidi. Baay'ee walaaltuufi amala-badduudha] 

Qeentee jedhe: Waan Adde Minishaan dalagde hedduu nama qaanessa. Garuu eenyummaa ishee agarsiifte malee waan biraa miti. Haala kanaan waan akkasii kun yoo fooyya’uu baate eessa iyyuu hin geenyu. Namuusa dhabuun kun guddisa baduu irraa madda.
     gurmesa jedhe: such type of arrogance can never take her anywhere .. learn how to debate. She has to go to School. [Oftuulummaan akkasii essanuu namuu hinga'u...akkatti dubbatan bari. Isheen mana barumsaa galuu qabidi]

       Abdeta jedhe: isheen marattuun tuni ajandaa jeequu qabattee waan seente   fakkaatti...


'Dubartiin Oromoo ulfoodha ykn kabajamtuudha' aadaafi safuu jedhu cabisuudhaan, warri WMO dubartoota keenyarratti waraana jechaafi qor-qalbii banaa jiru. Mirga gaaffii gaafachuufi yaada ishee walbaan ibisachuu otoo qabiduu dubartiin kuni maaliif akkasitti arrabsamti, dhiibamti? Kuni ejjennoo dhabichaa ta'uun isaa ifadha haga ibsa baasanii dubartoota Oromoo maraa dhiifama gaafatanitti. 

Gochi dhiibbaa Minishaa Girmaarratti godhame kuni lammiileen Oromiyaa gocha isheetiin boonanis  faaruu akka dhangalaasaniififi akka "ishoo nitolchite gootittii Oromoo jedhaniin" taasiseera. Fakkeenyaaf, warri mirga dubbachuu dubartootaaf dhaabbatan Gadaarratti akkas faa jedhani:

Daannoo jedhe: Oromtitti Goobanootatti bookiste, qeerranty akka keety waqayyo nuuf haadabalu, safuu. 
birmadu  jedhe: Safuu safuu tun salphian guddaa dha. Baga salphattan .Oromoon mirga isaa irratti eennuun illee hin dhiisu usaa gadi ta’a!!
obsaa jedhe: Ummanni Oromoo aadaa dimokiratawaa waan qabuuf malee jarri ODF ofiin jedhamtu kun kan waraanni itti banamuu qabudhayyu ture. Garaagarummaan isaan Oromota gidduutti uumaa turanii fi jiran diinota Oromoo fayyade malee Oromoof bu’aa tokko illee hinbuusne....
 CaaltuuOromiyaa jette: It is sad that Oromo Dialogue Forum/Waltajjii Marii Oromoo is turning into such an anti-Oromo women and sexist organization. [Nama gaddisiisa WMOn gara dhaaba farra-dubartoota Oromoofi dhaaba saalarratti hundaa'etti of geeddaruun isaa] Did you see how many men tried to drag the poor lady out of the hall? [Dhiironni meeqa dubartittii miskiintittii [goota] tana kutaa sana keessaa harkisanii baasuuf yaalaa turan argitee?]Walakkaan ummata keenyaa dubartoota. Dhaabini dubartii salphise kun essayyyuu gahuu hindanda’u. Dhironni asirratti dubartittii arabsuu/tuffachuun yaada kennitan mee irra deebi’aa viidiyoo sana laala akkatti dubartitti kutattuu kana afaan cufsiisuuf yaalan hubadhaa; amma dubartii sanaa geenyaa jedhaa of madaalaa? Ija dunuunfannee tiifoozoo  ta’uu otoo baanne wayya. Dubartii kabja dhoowwuudhaan wallaalummaa keenya osoo agarsiisuu baannee gaariidha! Nagaan.

Yaadalaattonni biroo immoo, hoggantoonni olaanoon WMO QBOn akka duubatti deemu ummata qoqooduufi qabsicha diina jala galchuurratti bara dheeraaf hojjechaa akka turan himannaafi gaaffii dhiyeessani. Gabaasa guutuu yaadota dubbistoota Gadaa.com laaluuf as xuqi.

Walga'ii WMO Awustraaliyaatti ta'erraa kan hubatamuun danda'amu dhimmi inni ijoon hoggantoonni olaanoon isaanifi warri ija dunuunfatanii isaan faana deeman jibba dangaa hinqabine dubartoota Oromoof qabachuu isaaniiti. Hoggantoonni WMO dubartootafi shamarran keenya jilbiinfachiisanii callisiisuufi cunqursuu yaalanis, dubartoonni Oromoo tole jedhanii akka hinfudhaneefi mirgoota isaanii  guutuuf akka irratti qabsaa'an Minishaa Girmaa akka fakkeenyaatti Awustraaliyaatti nutti agarsiistee jirti. WMOn ibsa ejjennoo idilee baasee mirgoota dubartoota dhiituu isaaf dhiifama gafachuufi ummata keessatti nama salphisuuf beenyaa kaffaluu qaba.



Haga qaama saba keenya walakkaa warri ta'an dubartoonnis bilisoomanitti, gonkumaayyuu bilisoomuu hindandeenyu! Injifannoon dubartoota Oromoof!







Viewing all articles
Browse latest Browse all 129

Trending Articles


Girasoles para colorear


mayabang Quotes, Torpe Quotes, tanga Quotes


Tagalog Quotes About Crush – Tagalog Love Quotes


OFW quotes : Pinoy Tagalog Quotes


Long Distance Relationship Tagalog Love Quotes


Tagalog Quotes To Move on and More Love Love Love Quotes


5 Tagalog Relationship Rules


Best Crush Tagalog Quotes And Sayings 2017


Re:Mutton Pies (lleechef)


FORECLOSURE OF REAL ESTATE MORTGAGE


Sapos para colorear


tagalog love Quotes – Tiwala Quotes


Break up Quotes Tagalog Love Quote – Broken Hearted Quotes Tagalog


Patama Quotes : Tagalog Inspirational Quotes


Pamatay na Banat and Mga Patama Love Quotes


Tagalog Long Distance Relationship Love Quotes


BARKADA TAGALOG QUOTES


“BAHAY KUBO HUGOT”


Vimeo 10.7.0 by Vimeo.com, Inc.


Vimeo 10.7.1 by Vimeo.com, Inc.