Quantcast
Channel: Oromo Press
Viewing all articles
Browse latest Browse all 129

Weellisaa Abdii Nuressaa Waliin Simannaa Waggaa Haaraa Waashingitanitti

$
0
0

Gumaachaan Sabaahimaa Oromoo (Oromo Press) Waashingtan Diisiitti Abdii Nuuressaa Hawaasa Oromoo simannaa bara haaraa 2013 irratti yeroo bohaarsu argee gaaffiifi deebii waliin godhee turetti qaamaaf qalbiin dhiyaadhaa.  Gaffiif deebichi dhandhamannaadhaaf kiliippii sirba waltajjiiratti inni sirbeen banama. Siidii isaa kan fuulduratti baasu keessayis sagaleedhaan gara dhumaarratti sirba tokko nu dhagessisee jira Abdiin. Baga bara haaraa geessani; barri kan bilisummaa, kan badhaadhinaafi kan  fayyaa isiniif haata'u jenne.


Gaafiif deebii kana keessatti, Aartessaa Abdii Nuuressaa akka weellisaa ogeessaatti muuxannoofi dandeettii isaa isiniif qooda. Weellisaa Abdiin barbaachisummaa/cimina sirboota aadaa Oromoo kutaalee Oromiyaa garagaraa sirbuurratti yaadaafi gorsa gadifageenyaa laate.


G fi Dn kuni guddina muuziqaa aadaafi ammayyaa Oromiyaarrattis yaada Abdii Nuressaa isiniif dhiyeessa. Aartiin/muziqaan/sirbi Oromoo akka hinguddanne haalota gurguddoo  dhoowwaa jiran tokko tokkorrattis muuxannoo isaa nuuf qoode jira aartessichi. Gumaachaan SO akka daawwatetti, Abdiin weellisaa sirba goggogaa sirbuu miti. Aartessaa haamileedhaan waltajjiirraa utaalee bu'ee ummata jidduu buhuun bashannansiisuuf dursa kennu malee. Dandeettii akkasii akkamitti akka horates Abdii dubbisneerra, itti dhiyaadhaa. Matadureewwan akka mirga waraabbiifi rakkoowwan baranee weellistoota Oromiyaa qunnamaa jiranis ka'aniiru.

Viewing all articles
Browse latest Browse all 129